|
|
|
Waan gaari fedhu Rabbi siif haa dabalu! Dhugumatti
waan gaari fedhuu kanatti aqiidah keetitti yaaddahu’utti si qajeelcha. (Aqiidan)
hunde dalagaan irratti ijaaramtu waan ta’eef, waan Aqiidah ifiitti yaadun kun
dirqama Muslima mararra jiru. Kanaafu, dalagaan haala lama callaa dhan qajeela
tahu dandeette minda’alle itti argatu dandahan. Ka dura: Dalagaan aqiidah
(shirki’irra) nagaya baatu taaterratti ijaaramu qabdi. Haalli lammaffa’aa:
Dalagaan waan ergamaan Rabbii (NRIHJ) karaa godheen wal-tahuu dha. Galata-Rabbi
waa’e aqiidaah keetitti yaadu’u fi haalota toowhida beeku eeggatuun kee kun
tolinna ati irra jirtu garsiisa-akkasumas fedhii kee ka haqaa fi aqiidah qajeela
beeku fedhu kee garsiisa; kun dirqama nama Muslima hundarra jiru. Ammoo
waa’e haala toowhida ilaalchise toowhidi gosa sadihitti (qoodama): Ka dura:
toowhida rubuubiyya’a, hiikkan isa: dalagaa Isa (calla’aan maluun) Rabbi kophaa
baasani(amanu), akka waa uumuu, waa razzaquu, jireessu, ajjeesu, miidhu, fayyadu
fi waan kana malee jiru ka dalagaa Rabii (waan itti xindeeffamu irraa) qulqulluu
fi ol’aana tahe. Kanaafu, muslimni ni amana Rabbi rubuubiyyah Isaa keessatti
hiriyyaa hinqabu jecha. Ka lammaffaa: Toowhidah uluuhiyyaah: inni Rabbi
kophaa baasani gabbaru bifa gabbara Inni karaa godhee maraatin: ka akka
salaatah, sooma, hajji, zakaah, du’aa’ii (kadhaa), nazri, wareega, fedhi,
kajeela, sodaa fi haga dhuma waan ibaada (gabbara) tahe maraatin. Ibaadah
kanniinin Rabbi kophaa baasani gabbaruun toowhidah uluuhiyyah jedhama. Bifti
toowhida kun waan uumama Rabbi (hundarra) barbaachisa tahe. Toowhida
dura-toowhida rubuubiyyah ka jedhamu san uumami martinu ni raggaasisa, haga
mushriktoota rasuulli itti ergame gahutti. Akkuma jecha Isaa keesstti Rabbi
jedhu: osoo eennutti isin uume jette gaafatte, Rabbitti nu uume jedhan(Zukhruf
87). Jedhi (yaa Muhammad) eennu rabbiin samaa’i torbaani ti fi arshi cimtuu dha,
(Rabbiitu uume isiin) Rabbi fi jedhan (Mu’iminuuna 86 fi 87). Aayatoonni
(Qur’aana) ta mushriktoonni toowhidah rubuubiyyah raggaasisu’u isaani mulidhiftu
(heddu’utti jira). Garuu wanni isaanirra barbaachisu yoo toowhidah rubuubiyyaah
raggaasisan, toowhidah ibaadaati (uluuhiyyah ykn gabbara), dirqamni isaanirra
jiru kana jechu achiin booda. Ergamtoonni hundinu wanni isaan itti waaman
toowhidah ibaadaati, akkuma Rabbi jedhu (Qur’aana keessatti): Uummata hundatti
ergamtoota ergine, Rabbi gabbara waan biroo ka gabbaramurra fagaadha (jechuu
dhan) (Nahli 36). Kanaafu, ergamaan martu toowhida ibaada’atti nama yaaman.
Ammoo toowhidi rubuubiyyaah uuma’attu ni argama. Garuu inni (kopha’atti) gayaa
miti. Ka sadeesso: Toowhidah maqoowwani fi sifoowwani: sun Rabi Ol’aana’af
raggaasisu waan Isaaf rasuulli(NRIH) Isaa raggaasisan maqoowwanirra ykn
sifoowwan Isaatirra. Akkasumas Rabbiin didu waan Isaa fi rasuulli Isaan didan;
irdhinna ykn salphinnarra(Rabbi qulqullu tahu amanu). Kunniin gosoowwan toowhida
sadeeni; ka beeku fi, itti dalaguu fi itti yaaddahuun muslimarra jiru.
|
Shekh :- Saalih ibn
Faawzaan Al-Faawzaan | |
|